Gaafa cidha keetiiTarii yoo na yaadde, nagaa dhaamuu feetee
Jila koo hafe hin se'in, hin tilmaamin gonkumaa
Sirraa fagaachuurra jedhee ani anakoo gatee
Ittiin booka akka dhugdu meeshaa ta'een argama
Mi'a cabaa
Fira dhabaa!
Gaafa cidha keetii, xoofoon cabaa siif dhiyaannaan
Hin komatin warra jilaa, haa dhimmisu waancaan kee
Inni hojii harka keetii, situ tolchewoo kalaqa kee!
Wacaafi wal'aansoo machooftuun
Kan hunkutaa'e akka hin seene
Mararfadhu birciqqoo kee
Anatu isa; ana fooniin akka'n eegne!
Dagaagaa Zarihuun 🖋🥰
@Walaloon_Jaalala


